HIRMADHAA

Karaaleen 5 Waliin Hojjechuu Dandeenyu kunooti:

Meeshaalee marsariitii irraa argamanitti fayyadamaa.

Meeshaalee marsariitii kana irratti argaman buufachuu, maxxansuu, waraabuu fi raabsuuf hayyama qabdu.

Garee tokko gaafadhu.

Bakka hedduutti geggeessitoota waldoota naannoo irraa dhufan waliin hojjechuun gammachuu keenya-keessumaa waldoota naannoo leenjiin ti’ooloojii argachuun rakkisaa ta’etti. Yoo qaama garee hoggansa waldaa naannoo keetii taatee fi garee naannoo kee jiru fudhachuu qorachuu barbaadde, maaloo nu qunnamaa.

Meeshaalee hiikuu.

Wangeelli dhugaan tokko qofa jira. Haa ta'u malee waldaan Iyyesuus Kiristoos addunyaa maratti faca'ee jirti. Sababa kanaan meeshaaleen afaan hedduutti hiikaman barbaachisa. Waldaa mana keessanii keessatti amanamummaadhaan Gooftaa tajaajilaa kan jirtan yoo ta’e, afaanotaafi barreeffamaan kennaa kan qabaattan yoo ta’e, akkasumas meeshaalee fuula kana irratti argaman gara afaan keessaniitti hiikuuf gargaaruu yoo barbaaddan maaloo nu qunnamaa.

Deemi.

Yeroo danda’ametti gareewwan meeshaalee kana geggeessitoota waldaa naannoo sanaa qaamaan barsiisuuf erguun gargaarsa guddaadha. Kun akka idileetti gara naannoo tokkootti imala tokkoo ol barbaada. Waldaa mana keessanii keessatti amanamummaadhaan Gooftaa tajaajilaa jirtan yoo ta’ee fi meeshaalee kana deemtanii geggeessitoota waldaa naannoo gargaarsa gaafatan barsiisuu yoo barbaaddan maaloo nu qunnamaa. 

Kennuu.

Dubbii gaarii fi kunuunsa Waaqayyoo saba isaaf fiduu wajjin wal qabatee baasii hedduutu jira. Baasii bulchiinsaa, baasii meeshaalee qopheessuu, hiikuu, keessummeessuu fi maxxansuuf bahu qabna. Akkasumas baasii imalaafi baasii seminaara leenjii bakka adda addaatti qopheessuun walqabatee jiru qabna. Kana bira darbee waldoota naannoo sanaa wajjin gammachuudhaan namoota gargaarsa barbaadaniif kunuunsa qaamaa babal’isna. Waldaa naannoo keessaniif amanamummaadhaan kennaa kan jirtan yoo ta’ee fi dubbii Waaqayyoo fi kunuunsa saba isaaf fiduu irratti nu waliin ta’uu yoo barbaaddan, maaloo kennaa yeroo tokkoo ykn ji’a ji’aan kennamu ilaalaa.

Gaaffii Qabaa?