Hands to the Plow logo

Afaan

gears

Ragaalee Deeggarsaa Ti’ooloojii Macaafa Qulqulluu

Ti’ooloojiin Macaafa Qulqulluu akkaataa ittiin Macaafni Qulqulluu fuulduratti tarkaanfatu, walitti galuu fi karaa Kiristoos immoo akkatti bakka ol ka’aarra akka ga’e ibsa. Ragaaleen deeggarsaa armaan gadii hundi jechoota Macaafa Qulqulluu keessa jiran hubachuu fi hojii irra oolchuu waliin kan hariiroo qabanidha. Ragaalee deeggarsaa kanas gareewwan sadiitti qoodnee jirra:

old-testament

Ragaalee Deeggarsaa Kakuu Moofaa

Yihuudonni durii aadaadhaan macaafota Kakuu Moofaa keessa jiran kutaawwan sadiitti addaan qoodu: Seera, Raajotaa fi Caaffatoota. Sirna barumsaa kana keessatti qindeeffama aadaa kana hordofneerra.

SEERA

Seera keessa Macaafota shantu jiru: Seera Uumamaa, Seera Ba’uu, Seera Lewwootaa, Seera Lakkoobsaa fi Seera Keessa Deebii.

RAAJOTA

Raajota keessa macaafota saddeetitu jiru: Iyaasuu, Abboota Firdii, Saamu’el Isa duraa fi Isa lammaffaa (kun akka macaafa tokkootti ilaalama ture), Mootota Isa Duraa fi Isa Lammaffaa (kun akka macaafa tokkootti ilaalama ture), Ermiyaas, Hisqi’el, Isaayaasii fi warra kudha lamaan (‘Raajonni Xxiqqoo” kudha lamaan akka macaafa tokkootti ilaalamuun ‘Kudha Lamaan’ jedhamu ture).

CAAFFATOOTA

There are eleven books in the Writings: Ruth, Psalm, Job, Proverbs, Ecclesiastes, Song of Songs, Lamentations, Daniel, Esther, Ezra-Nehemiah, and 1–2 Chronicles. (Ezra and Nehemiah were considered one book. Chronicles was considered one book.)

new-testament

Ragaalee Deeggarsaa Kakuu Haaraa

Kukuun Haaraa macaafota digdamii ja’a of keessatti qabata. Macaafonni kunniin karaalee garaa garaatiin qindaa’aniiru ta’a. Sirna barumsa kanaa keessatti, macaafota kana kutaawwan garaa garaa sadiitti qoodnee jirra: Wangeelotaa fi Hojii Ergamootaa (macaafota seenaa hunda), Xalayaawwanii fi Mul’ata. Tokkoon tokkoo kutaawwan kanaa gosoota barreeffamaa garaa garaa agarsiisaniiru, akkasumas tokkon tokkoo isaanii hojiiwwan garaa garaa fiixaan baasaniiru.

WANGEELAA FI HOJII ERGAMOOTAA

Kutaan jalqabaa Kakuu Haaraa Maatewos, Maarqos, Luqaas, Yohannis fi Hojii Ergamootaa of keessatti qabata. Macaafonni shanan kun waa’ee Yesuusii fi Waldaa gara jalqabaa dub-duubee seenaa isaanii nutti himu. Macaafota kana keessaa warri jalqabaa arfan yeroo baay’ee ‘Wangeelota’ jedhamu.

XALAYAAWWAN

Xalayaawwan digdamii tokko waldootiidhaaf (xalayaawwan kudha torba) ykn namoota dhuunfaatiif (xalayaawwan afur) ta’antu kutaa kana keessa jiru: Roomaa, 1-2 Qorontos , Galaatiyaa, Efesoon, Filiphisiiyus, Qolasaayis, 1–2 Tasaloniiqee , Ximotewos 1–2 , Tiitoos, Filemon, Ibroota, Yaaqoob, 1–2 Pheexros, 1–3 Yohannis, fi Yihuudaa.

MUL’ATA

Kutaan xumuraa Kakuu Haaraa macaafa tokko qaba: Mul’ata. Macaafni kun Waldaa Kiristaanaa fi namoota dhuunfaa Kiristaana ta’aniif akka isaan arii’atamaa keessatti cimanii dhaabbatanii fi Kiristoosiif amanamoo ta’anii hafan jajjabeessuuf kan caafame ture.